Waancaa Addunyaa bara kanaa yeroo jalqabaatiif biyyoonni 48 ni hirmaatu - ENA Afaan Oromoo
Waancaa Addunyaa bara kanaa yeroo jalqabaatiif biyyoonni 48 ni hirmaatu
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Waancaa Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo waliin qopheessan har’a ni eegala.
Dorgommiin lakkoofsi biyyoota hirmaatan gara 48tti ol guddate seenaa kubbaa miilaa waancaa addunyaa keessatti isa guddaa ta’e kun walumaa galatti taphoota 104 ni keessummeessa.
Taphi baniinsaa waancaa addunyaa Meeksikoo Istaadiyeemii Azetekaatti kan daawwattoota kuma 80 keessummeessuu danda'utti halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti Meeksikoo fi Afriikaan Kibbaan ni gaggeeffama.
Biyyoonni lamaan tapha baniinsaa waancaa addunyaa 19ffaa bara 2010 Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameen haaluma wal fakkaatuun wal quunnamanii turani.
Wayita sana taphichi galchii tokko tokkoon qixaan xumurame. Siwiippee Shabalaalaan Afriikaa Kibbaaf yoo galchu, Raafaa’el Maarquweez immoo Meeksikoof galchii kan lakkoofsise ture.
Taphi har'aa yeroo seena qabeessa sana irra deebiin kan agarsiisu yoo ta'u, gammachuu guddaa uumeera.
Meeksikoon taphoota michoomaa sadan waancaa addunyaatiin alatti taphatte keessaa lama yoo injifattu, Afrikaan Kibbaa ammoo yeroo tokko qofa injifatteetti.
Meeksikoon dirree ishee irratti waan taphattuuf carraa injifachuu qabdi jedhamee yoo eegamu, kuni Afriikaa Kibbaaf immoo qormaata cimaa ta’a jedhamee eegama.
Taphni garee kanaa inni lammaffaan Istaadiyeemii ammayyaa Akroon Meeksikoo Guwaadaalahaaraatti Rippabiliika Kooriyaa fi Rippabiliika Cheek gidduutti galgala sa'aatii 11 irratti taphatama.
Biyyoonni lamaan waancaa addunyaa irratti yeroo wal argan kun isa jalqabaati.
Kanaan dura taphoota michoomaa irratti yeroo sadii wal arganii yeroo tokko injifachuun tapha tokko qixa ba'aniiru.
Xiinxaltoonni ispoortii biyyoota lamaaniif carraa walitti dhiyoo injifannoof kennaniiru.
Seenaa waancaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf biyya keessummeessituutti sirni baniinsaa adda addaa sadii kan gaggeeffamu yoo ta'u, sirni jalqabaa tapha jalqabuu daqiiqaa 90 dura kan raawwatamu ta'a.
Guyyoota dhufan keessattis sirni baniinsaa Toroontoo, Kaanaadaa fi Los Anjeelees keessatti ni gaggeeffama.
Sirna baniinsaa kana irratti namoonni beekamoo Keeti Peerii, Fuuchar, Liisaa fi Reemaa sirba kan dhiyeessan yoo ta’u, artistoonni idil-addunyaa kanneen akka Alejandiro Fernandez, J Balvin, Mana, Belinda fi Tayla’nis sirba ni dhiyeessu.
Waancaan Addunyaa bara kanaas gama faayinaansiitiin isa guddaa yoo ta’u, gumaachi maallaqaa waliigalaa FIFA’n biyyoota hirmaatan doolaara Ameerikaa miiliyoona 871 ga’eera.
Kana keessaa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 655 kallattiin maallaqa badhaasaaf kan oolu yoo ta’u, waancaa addunyaa 22ffaa Qaxar keessatti gaggeeffame irraa dhibbeentaa 50’n dabaleera.
Waancaa Addunyaa 23ffaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii biyyoota sadii waliin keessummeessuun gareewwan 48 hirmaachisa.
Dorgommiin kun magaalota keessummeessituu 16 keessatti istaadiyeemii 16 keessatti kan gaggeeffamu ta’a.
Waancaa Addunyaa 23ffaan hanga Adoolessa 12, 2018tti ni adeemsifama.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA