Tamsaasa Kallatti:

Waancaa Addunyaa 23ffaan galgala kana eegala

Waxabajjii 4/2018 (ENA): Waancaa Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo waliin qopheessan galgala kana eegala.

Seenaa dorgommii kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni 48 ni hirmaatu.

Waancaa Addunyaa galgala kana garee tokko waliin kan eegalu yoo ta'u, Meeksikoon galgala sa'aatii 4 irratti Istaadiyeemii Meeksikoo Siitiitti Afriikaa Kibbaa waliin taphatti.

Gareema kanaan Rippabilikni Kooriyaa galgala sa'aatii 11tti Istaadiyeemii Guwaadilaahaaraatti Rippabiliika Cheek waliin taphatu.

Biyyoonni 48 garee 12tti qoodamuun taphatu.

Taphni Waancaa Addunyaa 23ffaan hanga Adoolessa 12, 2018tti ni adeemsifama.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015