Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatotaa dippilomaasii Ispoortii beeksisuuf kaayyeffate Finfinneetti ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatotaa dippilomaasii Ispoortii beeksisuuf kaayyeffate Finfinneetti ni gaggeeffama
Waxabajjii 3/2018 (ENA) – Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatotaa afraffaan Sanbata Waxabajjii 6 bara 2018 ni gaggeeffama.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Embaasiiwwan Yunaayitid Kingidam, Kaanaadaa fi Meeksikoo Waliin ta’uun dorgommii kana qopheesseera.
Bakka bu’oonni federeeshinichaa fi Embaasotaa waliin ta’uun kaayyoo dorgommichaa irratti ibsa gaazexeessummaa kennaniiru.
Embaasonni 30 ol teessoon isaanii Finfinnee ta’e, misiyoononni dippilomaasii, dhaabbileen idil addunyaa fi tumsitoonni dorgommii kanarratti ni hirmaatu.
Dorgommichi dippilomaasii Ispoortii beeksisuuf, hariiroo idil addunyaa fi wal jijjiirraa aadaa cimsuuf kan akeekame ta’uu himameera.
Dorgommiin kun Sanbata Waxabajjii 6 bara 2018 Finfinnee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyaa kanatti Embaasotaa fi dhaabbilee garagaraa kan bakka bu’an gareewwan kubbaa miilaa 25 ni dorgomu.
Namoonni kuma 2 fi 500 caalan dorgommicharratti ni argamu jedhameetu eegama.
Dorgommii kummaa miilaa kana malees taateewwan garagaraa akka gaggeeffaman beekameera.
Dorgommii kanatti fayyadamuudhaan tumsitoota dippilomaasii, daldalaa fi siyaasaa cimsuuf akeekameera.
Dorgommiin kun magaalaan Finfinnee wiirtuu hariiroo idil addunyaa ishee murteessituu ta’uushee akka mul’isu ibsameera.
Biiroon dargaggootaa fi Ispoortii Finfinnee, komishiniin turizimii Finfinnee qophii dorgommichaaf deeggarsa gochuunsaanii dubbatameera.