Atileet Geetachoo Masrashaa fi Atileet Massalach Alamaayyoo Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa Injifatan - ENA Afaan Oromoo
Atileet Geetachoo Masrashaa fi Atileet Massalach Alamaayyoo Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa Injifatan
Caamsaa 30/2018 (ENA): Dorgommii Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa irratti atileet Geetachoo Masrashaa magaalaa Shaggar irraa, dorgommii dubartootaatiin ammoo atileet Massalach Alamaaayyoo Poolisii Finfinnee irraa injifataniiru.
Dorgommii dhiirotaatiin atileet Balaylinyi Tashaagar Itiyoo-Elektirika irraa 2ffaa yoo ba’u, atileet Balaay Xilahuun Poolisii Finfinnee irraa 3ffaa bahuun xumureera.
Haaluma walfakkaatuun dorgommii walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dubartootaan Atileet Massalach Alamaayyoo Poolisii magaalaa Finfinnee irraa yoo injifattu, atileet Zimaam Baaraakii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Baqqalach Takkuu ammoo Magaalaa Shaggar irraa 3ffaa baateetti.
Walumaagalatti atileetotni 638 kan hirmaatan yoo ta’u, dhiirota 455 fi dubartoonni 183 kan hirmaatan fiigicha addabaabayii Masqalaa irraa eegalamee gaggeeffamaa ture xumurameera.