Tamsaasa Kallatti:

Misoomni qamadii Bonaa bu'aa dinqisiisaa galmeessisaa jira - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Ebla 28/2018 (ENA): Misoomni qamadii Bonaa lafti lafa bahuu hin qabu amantaa jedhuun eegalame bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa har'aa Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa Aanaa Sulultaatti ooyiruu qamadii lafa heektaara kuma 2 fi 150 irratti misoome daawwataniiru.

 
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamsa daawwannaa isaanii irratti dabarsaniin, tarkaanfiiwwan tarsiimoo mootummaan damee qonnaarratti fudhateen bu’aan argame dinqisiisaa waan ta’eef hojii gara fuula duraatiif galaa kan ta’u dha jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti qonni Bonaa fi misoomni qamadii Bonaa kanaan dura akka hin baratamnes hubachiisaniiru.
Lafti lafa bahuu hin qabu; kadhannaa irraa bilisa of baasuu qabna; Misoomni qamadii Bonaa lafti qotamuu danda’uu fi misoomuu danda’u misoomuu qaba jedhamee amantaa cimaa qabaachuun kan eegale ta’uu ibsaniiru.
Jalqabni misoomni qamadii Bonaa qormaata ta’us, amma hojiin kun bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan kanaan dura qamadii biyya alaatii galchuu qofa osoo hin taanee biyyoota oomisha qamadii gadi aanaa qaban keessaa tokko taatee ramadamti turte.
Ganna darbe qamadii hektaara miiliyoona 4.4, Bona bara kana ammoo heektaara miiliyoona 3.8, walumaa galatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol ta’u qamadiin qotamuu ibsaniiru.
Walumaagalatti qamadii kuntaala miiliyoona 330 ol akka oomishame kan agarsiisan yoo ta’u, kunis Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti oomisha qamadii keessatti adda durummaan akka argamtu taasisa jedhani.
Bara darbe midhaan Gannaa fi Bonaarraa qamadii kuntaala miiliyoona 280 oomishamuusaa yaadachiisuu; omishni bara kanaa kan bara darbee irraa kuntaala miiliyoona 50 akka caalu ibsaniiru.
Bakkeewwan garaagarummaan omishaa olaanaan itti mul’ate keessaa tokko Godina Shawaa Kaabaa ta’uu eeruun, hojiiwwan lafa hin misoomne misoomsuun hojjetaman irraa kan ka’e oomishtummaan qamadii akka dabale hubachiisaniiru.
Misoomni qamadii lageen hidhuun rooba Gannaa kuusuun akka raawwatamu kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, gara fuulduraatti oomishtummaa Godinicha keessatti dabaluuf xiyyeeffannaan addaa akka kennamu himaniiru.
Akkasumas qonnaan bultoonni Godina Shawaa Kaabaa oomishtummaa dabaluutiin dandeettii galii isaanii guddisuu isaanii eeraniiru.
Oomishtummaa fi dandeettiin galii maddisiisuu dabaluunis qonnaan bultoonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan kan gargaare ta’uu himaniiru.
Muuxannoon Godina Shawaa Kaabaa hojii cimaa fi qabeenya sirnaan itti fayyadamuudhaan bu’aa guddaa hangam akka argamuu danda’u fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti oomishaa fi teeknooloojii qamadii yoo itti fayyadamne oomishtummaan haalaan dabaluu akka danda’u hubachiisaniiru.
Milkaa’ina kanaaf qonnaan bultoonni, ogeeyyiin ekisteenshinii qonnaa fi hoggantoonni ciminaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, tarkaanfiiwwan damee qonnaa keessatti fudhataman akkuma dameelee biroo bu’a qabeessaa fi hojiirra ooluu danda’u ta’uu ibsuun, carraan guddinaa olaanaan akka jiru.
Itiyoophiyaan abdii guddaa akka qabduu fi bu’uurri akka gaariitti kaa’amee biyya guddachaa jirtu uumuuf hojiin waliigalaa hojjetame kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa fi waqtii hunda fayyadamuu akka qabnus dhaamuun, oomishuuf, hojjechuuf fi guddachuuf; nyaachuu qofa osoo hin taane nyaachisuufi gargaaruufis ta’uu qaba jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, qorumsa adeemsa hojii fi misoomaa keessatti nu mudate ni injfanna; kanaafis lammiileen hundi ciminaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015