Tamsaasa Kallatti:

Malli qonnaa kilaastaraa oomisha keenya guddisaa jira-qonnaan bultoota aanaa Calliyaa

Sadaasa 3/2018 (TOI)-Malli qonnaa kilaastaraa oomisha isaanii dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisaa akka jiru gqonnaan bultoonni aanaa Calliyaa dubbatan.

Hooggantoonni, hojjettoonnii fi qonnaan bultoonni aanichaa Xaafii heektaara 73 irratti Kilaastaraan misoome har’a daawwataniiru.

Qonnaan bultoonni TOI’f yaada kennan akka jedhanitti waggoottan darban Xaafii mala qonnaa kilaastaraan facaasuusaaniitiin oomishnisaanii dabaleera.

Qonnaan bultoota misooma kanarratti hirmaatan keessaa Taarikuu Xannuu akka jedhanitti, qonni kilaastaraa aanichatti erga eegalamee asitti oomishnisaanii dabaleera.

Yeroo ammaa mala qonnaa kilaastaraa fayyadamuun Xaafii misoomsuun oomishtummaasaanii guddisuusaanii eeraniiru.

Qonnaan bulaan Girmaa Dichee yaada kennaniin, kilaastaraan gurmaa’anii Xaafii kilaastaraan oomishuu osoo hin eegaliin dura heektaara tokkorraa kuntala 10 qofa argachaa akka turan ibsaniiru.

Yeroo ammaa garuu Xaa’oo fo sanyii filatamaatti fayyadamuun gara kuntaala 25tti guddifachuusaanii dubbataniiru.

Muuxannoo kanatti gargaaramuun ganna darbe Xaafii kilaastaraan facaasuun oomisha fooyya’aa argachuuf kunuunsaa akka jiran dabalanii dubbataniiru.

Bulchaan aanaa Calliyaa obbo Cimdii Raggaasaa akka jedhanitti, aanichatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 26 fi 616 midhaan garagaraan kan misoome yoo ta’u kana keessaa heektaara kuma 9 fi 636 irra Xaafiin facaafameera.

Qonnaan bulaan Xaafii dabalatee  midhaan biroo kilaastaraan misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun faayidaa dinagdeesaanii mirkaneessuuf hojjetamuu dubbataniiru.

Daawwannaan kunis misooma Xaafii kilaastaraa jajjabeessuu fi qonnaan bultoonni hojii kana keessa hingalle muuxannoo akka argatan gochuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015