Tamsaasa Kallatti:

Baatii sadan darban Godina Shawaa Bahaatti namoota kuma 40’f carraan hojii uumameera

Sadaasa 2/2018 (TOI)- Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumamuusaa waajjirri hojii fi ogummaa godinichaa ibse.

Hoohhanaan waajjirichaa obbo Habtaamuu Abdataa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti namoota hojii hin qabne hojii qabsiisuuf hojjetmaa jira.

Kanneen hojii hin qabne adda baasuun keessumaa Yunivarsiitii fi kolleejotarraa kan eebbifaman dabalatee kanneen hojii barbaadan biroof leenjiin ogummaa daldalaa fi intarpiruunarshiippii kennamuu wabeeffataniiru.

Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018tti dameelee hojii garagaraatiin namoota kuma 40 ta’aniif carraan hojii uumameera jedhan.

Carraan hojii kan uumameef keessaa hidhattoonni duraanii waamicha mootummaa fudhatan keessatti argamu jedhaniiru.

Haala Kanaan dargaggoonni aanaalee Aqaaqii, Adaamii Tulluu, Ada’aa, Lumee fi aanaalee godinichaa biroo waamicha nagaa fudhatan carraa kanatti fayyadamuusaanii ibsaniiru.

Carraan hojii kan uumame dameelee daldala, loon horsiisuu fi gabbisuu,damee qonnaa, albuuda, Maanufaakchariingii fi ijaarsaan ta’uu dubbataniiru.

Dargaggoota hojii eegalaniif lafa qonnaa dabalatee bakki hojii fi gurgurtaa karaa aanaalee, magaalotaa fi gandootaa kennamuufii dubbataniiru.

Dargaggoota godinichatti hojii hin qabnee fi hojiitti gala jiraniif liqaa birrii miiliyoona 600 caalu dhiheessuuf karoorfamee amma ammaatti liqiin birrii miiliyoona 100 ol kennamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015