Tamsaasa Kallatti:

Magaalota jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa jira

Sadaasa 2/2018(TOI)- Magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijataa fi agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii ibsan.

Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6 amma 10 bara 2018tti naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti ni kabajama.

Ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii kbaja ayyaanichaa ilaalchisuun gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru.

Ministirri kun ibsa kennniin foramii magaalotaa 10ffaa irratti magaalonni 150 caalanii fi magaalonni obbolaa biyyoota ollaarraa dhufan akka hirmaatan dubbataniiru.

Foramichi mata duree “Guddinni magaalotaa ga’oomuu Itiyoophiyaaf” jedhuun akka kabajamuu fi hojiileen mootummaan magaalota ammayyeessuuf itti jiru irratti mariin fi muuxannoon akka qoodamu ibsaniiru.

Magaalonni guddinoota hundaa fi agarsiiftuu badhaadhinaa ta’uusaanii kaasanii, magaalota agarsiiftuu badhaadhinaa gochuuf galmi qabame milkaa’aa dhufuusaa ibsaniiru.

Bu’ura misoomaa magaalotaa guutuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo misooma kooriidaraa wabeeffataniiru.

Misoomni Kooriidaraa magaalota 73 ol keessatti hojjetamaa jiraachuu eeranii, magaalonni jiraataaf mijataa fi galii dabalataa akka argamsiisan mootummaan hojjechaa jira jedhaniiru

Karoora misoomaa waggaa kudhaniin wal qabatee hojiin magaalonni hojjechaa jiran ilaalchisee mariin akka gaggeeffamu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015