Godina Baaleetti Omishaa fi Qulqullina Bunaaf Xiyyeeffannon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Baaleetti Omishaa fi Qulqullina Bunaaf Xiyyeeffannon kennameera
Sadaasa 2/2018(TOI)- Godina Baaleetti omishtummaa bunaa guddisuun Omisha qulqullina qabu gabaa gidu-galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.
Godinichi Buna Sanyii fooyya’aa qabu buna bosonaa dabalatee sanyiiwwan bunaa Qorannoo Qonnaraa argaman bal’inaan omishuun gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuun ni beekama.
Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Geetaachoo Abbabaa TOI’f akka ibsanitti, godinichatti omishtummaa fi qulqullina bunaa eegsisuun callaa fooyya’aa gabaa giddu-galeessaaf erguuf hojjetamaa jira.
Omishtummaa bunaa guddisuuf biqiltuuwwan buna dullooman hektaara kuma 2 fi 500 ol gamashuun biqiltuuwwan haaraan bakka buufamuu ibsaniiru.
Qonnaan Bulaan qulqullina bunaa eegsisuuf Buna Diimate qofa akka funaanan, siree shiboorratti yookiin oobdii simmintoorratti akka gogsu hubannan kennamuu ibsaniiru.
Godinichatti Aanaawwan Buna Omishanitti Qonnaan bultoonni kuma 26 caalaan Misooma Bunaarratti hirmaachuusaanii kan ibsan immoo waajjirichatti Dursaa Garee Misooma Bunaa fi kuduraalee obbo Wandasan Naggaa ti.
Keessumaa omishtummaa dabaluuf hektarra irraa argamaa kan ture kuntaala 9 tuqaa 2 gara 10tti guddisuun bara omishichaatti buna kuntaala kuma 437 omishuun toonii kuma 15 gabaa giddu-galeessaaf dhiheessuuf gara hojii qabatamaatti seenuu dubbataniiru.
Misoomicharratti kan bobba’an keessaa qonnaan bultota Aanaa Dalloo Mannaafi Harannaa keessaa Obbo Huseen Abdallaa fi obbo Mhimuud Bakkar yaada kennaniin, misooma bunaarratti leenjiin hojii qabatamaarratti hundaa’ee kenname adeemsa omishaarratti jijiirama gaarii fiduu dubbataniiru.
Godina Baaleetti lafti hektaarri kuma 68 ol ta’u Biqiltuuwwan Bunaa kan dhaabbate ta’uu odeffannoon waajjira qonnaa godinichaarraa argame ni mul’isa.