Tamsaasa Kallatti:

Daandii  Magaalittii  mijataa taasisuuf   pirojektoonni ijaarsaa 110 ol  xiyyeeffannoo addaan hojjetama jiru


Sadaasa 2/2018(TOI)-NageenyaDaandiimagaalichaa eeguuf   akkasumas sochii mijataa fi si’ataa taassisuuf   ijaarsaa haaraa fi suphaawwan  adda addaa bara baajatichaatti xiyyeeffannoo  addaan hojjetamaa jirachuu AbbaanTaayitaa  Daandiiwwan Magaalaa Finfinnee  beeksise.

AbbaanTaayitichaaOlantummaanIjaarsabu’uuraalee Misoomaa Magaalichaa hojjechuu, suphuu fi  Bulchuuf itti gaafatamummaafudhatee hojjechaajiraachuu Itti Gaafatamaan  Sub-Quunnamtii Abbaa Taayitichaa  Iyyaasuu Salamoon  TOI‘f ibsaniiru.


 

Bu’uuruma Kanaan yeroo ammaa pirojektoonni ijaarsa adda addaa111 ta’an  hojiirratti akka argaman  eeruun,  isaan keessaa pirojektoonni ijaarsaa 31 ta’an  haaraawaa ta’uusaanii ibsaniiru.


 

Pirojektoonni hundi waliigala KM 291 tuqaa 8 akka  dheratu kan ibsan  obbo Iyyaasuun,  baasii  Birrii Biiliyoona  30 tuqaa 4 ol  akka  taassifamu  mirkaneesaniiru.

Nageenya Daandii magaalittii eeguuf akkasumas sochii mijataa fi  si’ataa taasisuuf hojiiwwan suphaa daandii   bara baajatichaatti  xiyyeeffannoo guddaan kennamee  hojjetamaa jiraachuu  dubbataniiru.


 

Waliigala ijaarsaa fi suphaan daandii hojjetamaa jiru  sochii  tiraafikaamijataa taasisuurra darbee yeroo imalaa  gabaabsuun  akkasumas boba’aa qusachuurratti qooda olaanaa qaba  jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015