Sanyii filatamaa Qamadii fi xaa’oo Jallisii Boneef bal’inaan dhihaachaa jira–Ministeera Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Sanyii filatamaa Qamadii fi xaa’oo Jallisii Boneef bal’inaan dhihaachaa jira–Ministeera Qonnaa
Sadaasa 1/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018 Omishaa fi omishtummaa Qamadii kan guddisan dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo bal’inaan raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Ministeerichi lafa hektaara kuma 767 ol qotuun kana keessaa lafa hektaara 359 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru.
Misooma Jallisii qamadii Boneen wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee aadaa hojii Qotee bulaa Jijiiruun waggaatti yeroo lamaa ol misoomaa jira.
Jijiirama biyyoolessaa booda misooma qamadiif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma jallisii bonee dabalatee omishaa fi omishtummaanqamadii sadakaa olaanaan dabaleera.
Ministeera Qonnaatti hojii raawwachiisaa olaanaan Misooma midhaanii Isayaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, Misooma Jallisii Qamadii Bonee bara 2018’f lafti hektaarri miiliyoona 4 tuqaa 29 qotamuun callaa kuntaala miiliyoona 175 argachuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira.
Bara kana qamadii jallisii bonee kan bara darbe turerra hektaaraa miiliyoona 3 tuqaa 5 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.
Jallisii Qamadii bonee bara kanaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 767 ol qotamuun lafti hektaara kuma 359 ol sanyiin facaafamuu eeraniiru.
Kanaanis sadarkaa biyyoolessaatti Jallisii Qamadii Boneen muuxannoo argame caalaatti guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun haala danda’amuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kanaafis dhiheessii xaa’oo biyyee, sanyii filatamaa fi paampii bishaanii qaqqabamaa ta’uu ibsaniiru.
Xaa’oo biyyee waliin wal-qabatee misooma gannaarraa kan hafee fi jallisiisf kan qophaa’e qotee bulaaf raabsamuu, sanyii filatamaan qamadii haala guutuu ta’een Qamadii jallisii boneef dhaqqabamaa ta’uu ibsaniiru.
Qamadiin jallisii bonee waggaa gara waggaatti bu’aa guddaa galmeessisaa dhufuu duubbataniiru.
Qamadiin nyaataan of danda’uun wal qabatee fi milkaa’ina akka biyyaatti qabameef agarsiistuu ta’uu eeraniiru.
Galmi Qamadii jallisii bonee bara kana qabame akka milkaa’u ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffii akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.