Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf qooda olaanaa gumaacha

Sadaasa 1/2018(TOI)-Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf akkasumas  qooda riijinii olkaasuuf qooda murteessaa akka qabu miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Dr. Buzaayyoo Dagafaa ibsan.

Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate  gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama.

Gaaffii abbummaa galaana diimaa furuuf adeemsa tasgabbaa’aa, qalbii fi mariirratti hundaa’e hordofuun akka barbaachisu dubbatanii, dhamuuf yeroo fudhatame deebisuuf amma sana hin fudhatu jedhaniiru.

Akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde bu’ura seeraa fi dhaabbilee kan hin qabne kan nama gaabbisiisu qama cabiinsa faayidaa biyyaalessaa ta’uu dubbataniiru.

Miseensi mana maree bakka bu’ootaa Dr. Buzaayyoo Dagafaa, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde fudhataa seeraa fi seenaa hin qabu jedhaniiru.

 Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu guddina hunda galeessa itti fufsiisuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, itti fayyadama waloo riijinii kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin abbimmaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argachaa dhufuu eeranii, imala jijjiiramaa eegalte xumuraan gahuuf akkasumas guddinaa fi misooma biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunshee ofirra darbitee biyyoota ollaa fi riijinicha akka deeggartu kan ishee dandeessisu ta’uu eeranii, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi  tumsa riijinii fi misooma anniisaaf gumaacha bahaa jiru fakkeenya kaasaniiru.

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa carraa waliin guddachuu biyyoota riijinichaa kan guddisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015