Dureeyyiin Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan uumameera - ENA Afaan Oromoo
Dureeyyiin Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan uumameera
Onkoloolessa 29/2018 (TOI)- Dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa Zoonii dinagdee addaa Qilinxootti invast akka godhan haalli mijataan jiraachuu hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa kanaa obbo Tolasaa Badhaadhaa ibsan.
Warshaan kosmotiksii dhaabbata dhuunfaa manufakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa zoonii dinagdee addaa Qilinxootti eebbifameera.
Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo obbo Tolasaa Badhaadhaa wayita kana akka jedhanitti, dureeyyiin biyya keessaas ta’e biyya alaa zoonii bu’urri misoomaa guutame kana keessatti damee qorichaa fi Faarmaasiiyuutiikaal irratti bal’inaan akka bobba’an dhaamaniiru.
Yeroo ammaa zoonii dinagdee addaa kana keessatti namoota kuma 4 fi 700 oliif carraan hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuu dubbataniiru.
Kaampaaniiwwan garagaraa qorichan fi oomishaalee Farmaasiiyutikaalii biyya alaatii galan bakka buusuuf zoonii dinagdee addaa kana keessatti oomishaa akka jiran dubbataniiru.
Abbaan dhaabbatichaa fi dhaabbata dhuunfaa maanuufaakchariingii kosmotiiksii Maatiwoos Mabaa gamasaaniin, Warshichi marsaa jalqabaatiin birrii miiliyoona 100’n pirojekticha eegalchiisuusaa ibsaniiru.
Warshichi oomishaalee kosmotiksii biyya keessatti oomishuun oomisha biyya alaarraa galu bakka buusuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsanii, humna guutuun yeroo hojiitti galu namoota 260’f carraa hojii dhaabbataa akka uumu dubbataniiru.