Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa jiru-Hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa - ENA Afaan Oromoo
Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa jiru-Hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa
Onkoloolessa 29/2018(TOI)- Sirna gabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa akka jiran hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa ibsan.
Hooggantoonni olaanoo paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwachaa jiru.
Daawwannaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan garagaraatti gaggeeffamaa jiruun pirojektoonni namarratti xiyyeeffatamanii hojjetamaa jiran daawwatamaa jiru.
Gaaffii mana jireenyaa lammiilee deebisuuf filmaattita garagaraa kanneen akka liqii mootummaa, tola ooltummaan, bajata bulchiinsa magaalichaan, dureeyyiidhaan akkasumas dhuunfaa fi waldaan gurmaa’uun manneen akka ijaaraman gochuun gaaffii manaa deebisuuf hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Hojiileen manaa kun gaaffii mana jireenyaa deebisuun alatti lammiileef tajaajila hawaasummaa kennuu haala danda’aniin hojjetamuunsaanii ibsameera.
Sirna qabaa yaadama badhaadhinaan sirraa’e diriirsuun wiirtuuwwan oomishaa fi dhiheessii misoomaa akka jiran ibsameera.
Kanneen ammoo caancala faddaalaa kutuun lammiileen kallattiin qonnaan bulaarraa oomisha akka argatan gochuun qaala’insa jireenyaa hir’isuun qooda olaanaa bahaa jiru.