Tamsaasa Kallatti:

Guddina hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti argine baay’ee dinqisiiffanneerra

Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Guddina hunda galeessa Magaalaa Finfinneetti argan baay’ee dinqisiiffachuusaanii hirmaattonni yaa’ii waggaa sagantaa beelladaa idil addunyaa ibsan.

Hirmaattonni Sagantaan Yaa’ii waggaa bineensota Bosonaa Addunyaa misooma hunda galeessa Magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

Daawwattoota keessaa namoota TOI’n dubbise Keeniyaa irraa kan dhufan Viikter Masiiziiyaa, Magaalaan Finfinnee jijiirama guddaa keesa jiraachuu eeranii, baay’ee kan miidhagde taatee arguusaanii dubbataniiru.

Damee Diinagdee fi Hawasummaan jijiiramoonni guddaan galmaa’uusaanii akka argan ibsuun, keessumaa hojiiwwan Misooma Koriidaraan hojjetaman miidhagina Magaalicha dabaluusaa ibsaniiru.

Hawaasichi haala itti keessummaa simatu dinqisiifachuun gara fuula duraatti Magaalota deddeebi’uuun daawwatan keessaa tokko taa’uu himaniiru.

Kan biroon chaayinarraa kan dhufan Jiidaa Dii gamasaaniin, Magaalaan Finfinnee yeroo yerootti jijjiirama haaraa kan argan Magaala magariituu ta’uu ragaabahaniiru.

Bakkeewwan bashannanaa hedduun hojjetamuusaanii ibsuun, kunis haala jireenyaa kan jijjiiran ta’usaanii dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa Magaalaa Afrikaanota Boonsitu ta’uushee  kan ibsan immoo daawwataa biraa Angoolaarraa dhufan Noyitiin Tu dha.

Daawwataan Kanaadaarraa dhufan Joorji Staad gamasaaniin, paarkii tokkummaa dabalatee  bakkeewwan magaalichaa hedduu daawwachuusaanii dubbataniiru.

Magaalota Addunyaa Ammaan dura arge keessaa Magaalaan  Finfinnee hundishee   miidhagduu fi kan dinqisiifatamtu taatee arguu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan baay’ee adda  kan jedhan Indooneejiyaa irraa kan dhufan Leesii Yaaser dha.

Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan turizimii babal’achuu eeruun, magaalaa dinqisiifamtu  haalli jireenya hawaasaa itti jijjiirame ta’uu eeraniiru.

Sagantaa daawwanicha kan qopheesse Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinneetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015