Tamsaasa Kallatti:

Maallaqa kaffaltoota Gibiraatiin biyyi hojjetamaa jirti-Ministira Muumee Dr.Abiyyi Ahimad

Fulbaana 28/2018 (TOI)-Deeggarsa fi liqii maallaqaa tokko malee birrii kaffaltoota Gibiraatiin qofa biyyi hojjetamaa jirti jechuun dubbatan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Sirni beekamtii fi badhaasaa kaffaltoota Gibiraa amanamoo 7ffaan bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti kaffaltoota Gibiraa amanamoo galateeffachuu fi gammachuusaanii qooddachuun biyya badhaadhuu barbaaduuf guddaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Liqiinis ta’e deeggarsaan birrii ykn doolaarri tokkollee osoo itti hin dabalamiin malgaalaan keenya xuraa’ee ture maallaqa kaffaltoota Gibiraatiin ijoollee keenyaaf akka mijatutti hojjechaa jirra jedhan dubbii dubbataniin.

Kafaaf ammoo Finfinnee keessa deemanii ilaaluun agarsiiftuu akka ta’u hubachiisaniiru.

Kanaaf maallaqa kaffaltoota Gibiraa amanamootiin biyyi hojjetamaa akka jirtu irra deebi’een isiniif ibsuu barbaada jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015