Biiroon Fayyaa Diree Dawaa Maashina Ammayyaa Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Dhibeewwan daddarboo qoratu eebbisiisee hojii eegalchiise - ENA Afaan Oromoo
Biiroon Fayyaa Diree Dawaa Maashina Ammayyaa Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Dhibeewwan daddarboo qoratu eebbisiisee hojii eegalchiise
Fulbaana27/2018(TOI)-Biiroon Fayyaa Diree Dawaa Maashina Ammayyaa Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Dhibeewwan daddarboo qoratu eebbisiisee hojii eegalchiise.
Bulchiinsichi guyyaa har’aa ijaarsa Gamoo baankii dhiigaa fi Tiishuu Ammayyaa qindaa’aa eegalchiiseera.
De’eetaan Ministira Fayyaa Saahiirallaa Abdullaahii fi Kantiibaan Magaalaa Diree Dawaa Kadir Juhaar gamoo baankii dhiigaa fi Tiishuu birrii Miiliyoona dhibba tokkoo oliin ijaaramuuf Dhagaa Bu’uuraa kaa’aniiru.
De’eetaan Ministiraa kun saganticharratti akka jedhanitti, Maashinoonni Ammayaa Kunneen tajaajila dhiigaa fi tiishuu si’ataa fi bu’aa qabeessa taasisuu dandeessisu jedhaniiru.
Kantiibaa Kadir Juhaar gamasaniin gamoon dhigaa fi tiishuu saffisaa fi qulqullinaan akka xumuramu gochuun hojiin tajaajila fayyaa foyya’aa kennuu cimee itti fufa jedhaniiru.
De’eetaa Ministiraa Saahiirallaa Abdullaahii fi Qondaaltonni damichaa biroon kan irratti hirmaatan yaa’ii Baankii dhiigaa fi Tiishuu waggaa 13ffaa mata duree
“Dijiitaalaayizeeshinii fi Kalaqa Tajaajila baankii dhiigaa fi Tiishuu Cimaaf ” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Sagantichaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti Itti gaafatamaan Biiroo Dr. Tsigger
adaa Kifilee fi Daarektarri Olaanaan Baankii dhiigaa fi Tiishuu Itiyoophiyaa Dr. Ashannaafii Taazebew dabalatee Qondaaltonni olaanoon Federaalaa fi Bulchiinsichaa argamaniiru.