Bu’uraaleen misoomaa fi bakkeewwan tuurizimii magaalaa Jimmaatti ijaaraman magaalattii bakka tuurizimiif filatamtu ishee taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Bu’uraaleen misoomaa fi bakkeewwan tuurizimii magaalaa Jimmaatti ijaaraman magaalattii bakka tuurizimiif filatamtu ishee taasiseera
Fulbaana 25/2018(TOI)- Bu’uraaleen misoomaa fi bakkeewwan tuurizimii magaalaa Jimmaatti ijaaraman magaalattii bakka tuurizimiif filatamtu ishee taasisuu bulchiinsichi beeksise.
Magaalaan Jmmaa sochii tuurizimii barana taasifteen magaalaawwan naannoo Oromiyaarraa magaalaa tuurizimii filatamtuu jedhamuun komishinii turizimii naannichaan filatamteetti.
Torban turizimii kan waggaa komishiniin turizimii Oromiyaa qopheessu taateewwan garagaraan dammaqinaan gaggeeffameera.
Kmishinichi hawatummaa turizimii magaalaawwan naannichaa qabaniin dorgomsiisuuf sagalee ummataa fi gamaaggama Koree gaggeeseen magaalaa Jimmaa sadarkaa tokkoffaa taatee akka badhaafamtu beekamtii kenneera.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa fi qaamoleen bulchiinsa magaalichaa badhaasa kennamee qabatanii magaalaa Jimmaa wayita dhufan hawaasni kan isaan simate yoo ta’u, Kantiibaa Xahaa Qamar wayita kana, beekamtiin kun hawaasa magaalichaa waliin hojjechuun kan argame ta’uu dubbataniiru.
Magaalaan Jimmaa bara 2017 konfaransiiwwan garagaraa, egzibiishinoota, waltajjiiwwanii fi taateewwan garagaraa qopheessuun dorgommii kana mo’achuusaa ibsaniiru.
Hojiileen gurguddoon Jimmi magaalota naannichaarraa tokkoffaa itti baate haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar, Misooma Haroo Booyye, Misooma Kooriidarii, Hoteelonni ammayyaa babal’achuusaanii fi hojiileen nageenya amansiisaa hojjetamuun magaalattii wiirtuu konfaransii gochuusaatiin akka ta’e ibsamera.
Haala Kanaan bulchiinsi magaalaa Jimmaa bulchiinsi magaalaa Jimmaa beekamtii fi badhaasa waancaa komishinii Turizimii Oromiyaan qophaa’e argatteetti jedhaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Tijaanii Naasir gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa fi bakkeewwan turizimii magaalattiitti ijaaraman magaalattiin akka filatamtu taasiseera jedhaniiru.
Beekamtiin kun hojii caaluuf akka kakaasu ibsaniiru.