Tamsaasa Kallatti:

Ayaanni Irreecha bara kanaa haala walooma ibsuun kabajameera -Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Fulbaana 25/2018(TOI)-Ayaanni Irreecha bara kanaa haala walooma ibsuun kabajamuu barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa dubbatan.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa ayyaanni Irreecha bara kanaa Xumuramuu ilaalchisee Itti gaafatamtuu Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa ibsa kennaniin, Ayyaanni Irreecha bara kanaa haala gamtooma ibsuun jaalalaa fi tokkummaan kabajameera jedhaniiru.

Ayyaanichi Sabaa fi sablammoota dabalatee ummanni hedduun hirmaatee miidhagee kabajamuu ibsaniiru.

Irreechi karaa duudhaa aadaasaa eegeen xiqqaa fi guddaan wal kabajee karaa nagaa ta’een kabajamuusaa kaasaniiru.

Kanaafis Qaamoleen Mootummaa, Dhaabbileen Nageenyaa, Dhaabbileen tajaajila kennanii fi hirmaattota ayyaanichaaf galanni ni malaaf jedhaniiru.

Ayyaana Irreechaa bara kanaaf haaldureen qophii gurguddaan taassifameefii haala fooyya’een kabajamuu kan ibsan immoo Itti gaafatamtuu Biroo Aadaa fi Turiizimii Naannoo Oromiyaa Jamiilaa Simbiruuti.


 

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadeerratti Uffata Aadaan Midhaganii  haala tokkummaa cimsuun haala miidhagee kabajameera jedhaniiru.

Fuuldurattis Ayyaanni Irreechaa Aadaa fi safuu naannoolee adda addaa eegee kabajamuunsaa itti fufa jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin, Ayyaanni Irreecha bara kanaa misooma koriidaraan miidhagee kabajamuusaa ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015