Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Jaalallii fi Obbolummaan Itiyoophiyummaa guddatee kan itti calaqqisedha-Hirmaattota ayyaanichaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Jaalallii fi Obbolummaan Itiyoophiyummaa guddatee kan itti calaqqisedha-Hirmaattota ayyaanichaa
Fulbaana 25/2018(TOI)-Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Jaalallii fi Obbolummaan Itiyoophiyummaa guddatee kan itti calaqqise ta’uu Hirmaattotni Ayyaanichaa ibsan.
Ayyaana Waloomaa, tokkummaa fi Obbolummaa kan ta’e ayyaanni Irreechaa bara kana mataduree “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf” jedhuun kabajamaa jira.
Ayyaana Irreechaarratti walooma, tokkummaa fi Obbolummaan argan dinqii ta’uu hirmaattonni Ayyanichaa dubbataniiru.
Hirmaattota Ayyaanichaa yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Kattaa Birruu, Irreechi Nagaa, Jaalala, dhiifamaa fi Ayyaana tokkummaa ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanicha haala Obbolummaa cimsuun kabajuusaanii eeruun, duudhaa aadaasaa eegee dhalootaaf dabarsuuf akka hojjetan himaniiru.
Hirmataa Ayyaanichaa Magarsaa Baddeechaa, tokkummaan, waloomnii fi obbolummaan Ayyaanicharratti argan kan nama gammachiisu ta’uu dubbataniiru.
Bishooftuun Misooma KoriidaraanMiidhagdee Ayyaanicha haala ho’een keessummeessuushee eeruun, hojiin misoomaa kun adda ta’uu ibsanniiru.
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Walooma, obbolummaa, tokkummaa sabdaneessummaa haala calaqqisiisuun kabajamuu dubbataniru. Ayyaanicha keessummoota guutuu itiyoophiyaatii dhufan waliin haala walooma jabeessuun kabajuusanii kan ibsan immoo Yashii Yeeyyiiti.
Irreechi Ummanni Oromoo Ayyaanota dinqisiisoo waggoota dheeraaf eegee tursiise keessaa tokko ta’uu eeruun ibsituu jaalalaa fi waloomaa ta’uu dubbataniiru.
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee ayyaana tokkummaan, Obbolummaan, waliif yaaduun itti calaqqise ta’uu obbo Mo’aa Kabbitoo ibsaniiru.