Hojiin Misoomaa Hora Harsadeetti Raawwataman Ayyaanichi Miidhagee akka kabajamuuf godheera-Hirmaattota Ayyaanichaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Misoomaa Hora Harsadeetti Raawwataman Ayyaanichi Miidhagee akka kabajamuuf godheera-Hirmaattota Ayyaanichaa
Fulbaana 25/2018(TOI)-Hojiin Misoomaa Hora Harsadeetti hojjetaman Ayyaanichi Miidhagee akka kabajamuu godheera jechuun Hirmaattota Ayyana irreechaa ibsan.
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee haala duudhaa aadaasaa eegeen uummanni heduun bakka argamanitti haala ho’aan kabajamaa jira.
Hirmaattonni Ayyaanichaa Uffata aadaa hawwataan miidhaganii duudhaa aadaasaa eeguun sirbaa aadaa fi faruu adda addaan faarsauun gara hora harsadeetti deemuun Ayyanicha dammaqinaan kabajaa jiru
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Eebba Abbaa Malkaa fi Abbaa Gadaan kan eegale yoo ta’u, Hawaasni Kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufan Ayyaanicharratti hirmaataniiru.
Hirmaattota Ayyanichaa yaadsaanii kennan keessaa Artisti Gaarummaa Hundee Irreechi tokkummaan kan itti jabaatu, jaalallii fi Obbolummaan kan itti dagaagudha jedhaniiru.
Ayyaanni Irreecha bara kanaa waloomaa fi Obbolummaa akkasumas tokkummaa sobootaa fi walitti hidhaminsa caalaatti karaa jabeessuun kabajaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojiin Misoomaa Hora Harsadee fi Magaalichatti raawwataman midhagina ayyaanichaaf kennuusaanii fi kan yeroo biroorraa haala adda ta’een kabajuu danda’uusaanii ibsaniiru.
Hirmaataan Ayyaanichaa biroon Abbaa Muudaa Booranaa Agarii gamasaaniin, Irreechi walitti hidhaminsa uummataa, walbeekumsaa fi aadaa wal jijiiruu caalaatti kan jabeessu ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanni bara kanaa haala kana jabeessuun kabajuusaanii dubbachuun, hojiin misoomaa bakka Ayyanichi kabajanitti hojjetaman Ayyaanichi miidhagee akka kabajuuf dandeessisuu dubbataniiru.
Ayyaana Irreechaa obbolummaan, Nagaan, waloomaan, midhaginaan kabajuusaanii kan dubbatan immoo obbo Tsaggaayee Seeyifuuti .