Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Irreecha Hora Harsadee tokkummaan, Obbolummaa fi waloomaan kabajaa jirra– hirmaattota

Fulbaana 25/2018(TOI)-Ayyaana waloo Itiyoophiyaanotaa kan ta’e Irreecha tokkummaa, Obbolummaa fi waloomaa karaa jabeessuun kabajaa jirra jechuun hirmaattotni Ayyaana irreecha Hora Harsadee TOI’n dubbise ibsan.

Ibsituu Duudhaa Galataa, dhiifamaa, Nagaa fi Obbolummaa kan ta’e Ayyaanni Irreechaa hirmaattonni hedduun bakka argamanitti Hora Harsadeetti kabajamaa jira.

Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee gara Hora Harsadeetti deemuun uumaa baraa gara baraatti isaan Ceesise galateeffachuun Saganticha eegalchiisaniiru.

Ayyaanicharratti Abbootii Gadaa yaadasaanii TOI’f kennan keessaa Abbaa Gadaa Kattaa Birruu hirmaattonni Ayyaanica karaa duudhaa adaasaa eegeen miidhagee Kabajaa akka jiran ibsaniiru.

Ayyaanichi Duudhaa waloo Itiyoophiyaanotaa waan ta’eef hirmaattota ayyaanichaa naannoo adda addaarraa dhufan waliin ta’uun tokkummaan, waloomaanii fi obbolummaa haala jabeessuun kabajuusaanii dubbataniiru.


 

Dabalataanis Fayyinee Huseen akka ibsanitti, baatiin Gannaa bahee Birraatti cehuu hordofee margaa jiidhaa fi Abaaboo biirraa qabatanii uumaaf galata kan dhiheessanidha jedhaniiru.

Ayyaana Irreechaa Hora harsadee haala walooma cimsuun Kabajaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Dargaggoo Nugusee Asaffaa gamasaan Ayyanichi Obbolummaa kan calaqqisiisuu fi hunda kan hirmaachisu ta’uu ibseera.

Kanaanis hedduun Hora Harsadeetti argamuun waloomasaanii kan itti agarsiisan ta’uu dubbateera.


 

Guyyaa kaleessaa Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee miidhagee kabajameera.

Ayyaanni Irreecha baranaa Mata duree “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf “ jedhuun kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015