Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana galateeffannaa fi waloomaa kan ta’e Jala bultii Irreecha Hora Harsadee gammachuun dabarsaa jirra

Fulbaana 24/2018(TOI)- Ayyaana galateeffannaa fi waloomaa kan ta’e Jala bultii Irreecha Hora Harsadee gammachuun dabarsaa akka jiran dargaggoonni ayyaanicharratti hirmaatan ibsan.

Ayyaana galateeffannaa kan ta’e Irreechi har’a Hora Finfinneetti dammaqinaan kan kabajame yoo ta’u  boru ammoo mata duree “Irreechi Bayyanachuu biyyaaf” jedhuun Bishooftuu Hora Harsadeetti nikabajama.

Hirmaattonni ayyaanichaa uffannaa aadaa fi duudhaaleen miidhaganii sirboota aadaa fi faaruuwwan garagaraa faarfachuun faayamanii jalabultii dabarsaa jiru.

Hirmaattonni ayyaanichaa yaada kennan Irreechi ayyaana hawwii fi jaalalaan eegan ta’uu ibsaniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa dargaggoo Baqqalaa Baqqalaa Dhugumaa ayyaana galateeffannaa fi waloomaa kan ta’e jala bultii Irreecha Hora Harsadee gammachuun kabajaa jirra jedheera.

Kaliil Huseen gamasaatiin ayyaanni Irreechaa tokkummaa fi obbolummaa cimsuuf qooda olaanaa akka qabu ibseera.

Misoomni Kooriidarii magaalaa Bishooftuutti hojjetame magaalattii miidhagsuun ayyaana Irreechaaf miidhagina ta’uu kan ibse ammoo Taliilaa Gurmuuti.

Ayyaanni Irreechaa duudhaansaa eegamee dhaloota dhufuuf dabarsuuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru kanneen yaada kennan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015