Irreechi Ayyaana tokkummaa sab-daneessummaa fi Obbolummaa Dagaagsudha - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Ayyaana tokkummaa sab-daneessummaa fi Obbolummaa Dagaagsudha
Fulbaana 24/2018(TOI)-Irreechi Ayyaana tokkummaa sab-daneessummaa fi Obbolummaa dagaagsu ta’uu bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa adda addaa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneerratti hirmaatan ibsan.
Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee mata duree “ Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf ” jedhuun karaa Duudhaa Aadaasaa eegeen ummaanni hedduun bakka argametti dammaqinaan kabajameera.
Hirmaattonni Ayyaana Irreechaarratti argaman akka ibsanitti, Irreechi Ayyaana Nagaa, Jaalalaa, Dhiifamaa fi Galateeffannaati.
Hirmaattota keessaa Godina Kambaataarraa kan dhufan Waleeccoo Atteeboo akka dubbatanitti, Ayyaanichi tokkummaa fi walooma qabatamaan kan argisiisudha.
Naannoo Gidduugaleessa Itiyoophiyaarraa kan dhufee fi Ayyaanicharratti kan hirmaate Tasfaahuun Dentaamoo gamasaatiin, Irreechi Aadaa waliif qooduuf humna guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanichi Nagaa fi badhaadhina kan argisiisu ibsituu walooma ta’uu dubbateera.
Ayyaanichi tokko aadaa fi safuu saba biraa baruuf carraa guddaa kan uumu ta’uu kan ibsite immoo Godina Kambaataarraa kan hirmaatte Askaalee Seessoo ti.
Ayyaanichi Obbolummaa fi sab-daneessummaan qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu eerteetti.
Naannoo Gidduu Galeessa Itiyoophiyaa Qabeenaarraa kan dhufan Abdulwaas Mahaammad fi Samiiraa Amdiisaa, Ayyaanichi waloomni kan itti dagaaguu fi Itiyoophiyummaan kan itti ifu waan ta’eef walitti dhufeenya kan cimsudha jedhaniiru.
Ayyaanonni akka Irreechaa Tokkummaa fi walooma dagaagsan cimanii itti fufuu akka qaban eeraniiru.
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Burjiirraa kan dhufan Mahaammad Walee fi Abbabaa Argaamoo Ayyaanicha kabajuuf kiiloomeetira 700 adeemanii dhufuusaanii ibsuun, Ayyanichi tokkummaa kan cimsuu Fi Itiyoophiyaa kan beeksisu ta’uu dubbataniiru.
Irreechi duudhaalee nagaa fi tokkummaa kan idileessu ta’uusaa ibsuun, ayyanicharatti hirmaachuusaaniif gammachuu itti dhagahamuu ibsaniiru.
Ayyaanicharratti hirmaachuuf Naannoo Sidaamaarraa kan dhufte Imnat Yooseef akka dubbattetti, Ayyaanichi Waloomni guddatee kan itti mul’atudha. Ayyaanicharratti hirmaachuuf Naannoo ummattoota Kibba Itiyoophioyaa Godina Daawuroorraa kan dhufte Ballaxech Baayyuum gamasheen Ayyaanni Irreechaa Obbolummaa kan cimsu ta’uu ibsiteetti.