Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee hundi walfaana kabajuun waloomasaanii agarsiisaniiru - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee hundi walfaana kabajuun waloomasaanii agarsiisaniiru
Fulbaana 24/2018(TOI)-Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee saboonni, sablammoonnii hundi walfaana kabajuun waloomasaanii agarsiisaniiru jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa ayyaanni Irreechaa bara 2018 mata duree “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf” jedhuun gaggeeffame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa Ibsa kennaniin saboonnii fi sablammoonni hawwiin kan eegan Irreechi Hora Finfinneetti dammaqinaan kabajameera.
Itiyoophiyaanonni hundi qooqaa fi aadaasaaniin Irreecha dammaqinaan kabajuusaanii ibsanii, ayyaanichi duudhaa aadaasaa eegee dammaqinaan kabajamuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaanotarra darbee lammiileen biyya alaa ayyaanicharratti hirmaachuusaanii dubbataniiru.
Irreechi guddichi hora Finfinnee milkaa’inaan akka xumuramu poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa, humnoonni nageenyaa Finfinnee fi Oromiyaa aduu, qorra osoo hinjenne qoodasaanii bahaniiru jedhaniiru.
Keessummoonni garagaraa kallattii shananiin Finfinnee dhufan geejjiba habanii akka hinrakkanne bulchiinsi magaalaa Finfinnee katobisoota bobbaasuun qooda olaanaa bahuusaa ibsaniiru.
Walumaa gala ayyaanichi duudhaa aadaasaa eegee akka kabajamu kan taasisan mootummoonni federaalaa, Finfinnee fi Oromiyaa galata guddaa qabu jedhaniiru.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee agarsiiftuu duudhaa tokkummaa, ciminaa fi walkabajuu ta’ee dammaqinaan kabajamuusaa beeksisaniiru.