Seera qabeessummaa Daldala fi qulqullina bunaa eegsisuun gabaa gidduugaleessaaf dhiheeuun fayyadamummaa Qotee bulaa mirkaneessuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Seera qabeessummaa Daldala fi qulqullina bunaa eegsisuun gabaa gidduugaleessaaf dhiheeuun fayyadamummaa Qotee bulaa mirkaneessuun danda’ameera
Fulbaana24/2018(TOI)-Seera qabeesummaa daldala fi qulqullina bunaa eegsisuun gidduugala gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa Qonnaan bulaa mirkaneesuuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiisuu Waajjirri Daldalaa Godina Wallagga Lixaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjira Daldalaa Godina Wallagga Lixaa Lalisee Shibbiruu TOI’f akka ibsanitti, bara baajata qabametti Buna dhiqamee fi hin dhiqamnee toonii kuma 80 ol gidduu gala gabaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Bara bar-dheengaddaarraa hanga ammaatti Buna dhiqamee fi Buna gogaa toonii kuma 60tti dhihaatu gabaa gidduugalaaf dhihaachuu ibsaniiru.
Omishaa fi Omioshtummaa Bunaa guddisuunii fi Qonnaan bulaa fayyadamaa taassisuun galii damichaan argamu guddisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Aadde Laliseen ibsaniiru.
Daldala Bunaa sochii seera maleessummaarraa ittisuu fi Qulqullinasaa eegsisuun Qonnaan bulaa fayyadamaa gochuuf xiyyeeffannoon kennamee hojii hojjetameen bu’aan argamaa dhufuu dubbataniiru.
Seera qabeessummaa daldala fi qulqullina bunaa eegsisuun giddugala gabaaf dhiheessuun daldaltoonni 986 fi Waldaan Qonnaan Bulaan 5 Yuuniyeenonni 2 fi dhaabbilee shaarika dhuunfaa 8 hirmaachuusaanii itti gaafatamtuun kun ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni Godinichaa gurmaa’uun omishasaanii kallattiin gabaaf akka dhiheessan gochuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Hojii Daldala Bunaarratti kan bobba’an Obbo Sorsaa Oljirraa gamasaaniin, qonnaan bulaarraa buna gatii madaalawaan bituun qulqullinasaa eegsisuun gabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbataniiru.
Waajjira Daldalaa Godinichaaatti hojimaata qulqullina bunaa eegsisuu dandeessisan irratti hubannaa argachuusaanii fi yeroo Buna walitti qabuu fi kuusuurratti hir’ina qulqullinaa mudatu hanbisuun gurgurtaasaarraa fayyadamoo ta’uusaanii eeraniiru.
Qulqullina bunaa bara kanaa eegsisuuf tumsa olaanaa taassifameen qotee bulaan gatii guddaan gurgurachaa jiraachuu kan dubbatn immoo oggeessa to’annoo buna gogaa Obbo Mazgabuu Waaqkennee ti .
Kanaanis Daldaltoonni Bunaa, buna qulqulluu gabaa gidduugaleessaaf dhiheesuun fayyadamoo ta’uurra darbee sharafa alaa damicharraa argamu guddisuuf qoodasaanii bahuu dubbataniiru.