Misooma koriidaraa dabalatee hojiileen Misoomaa Magaalaa Finfinneetti raawwataman Ayyaana Irreechaaf Miidhagina addaa ta’aniiru-hirmaattota - ENA Afaan Oromoo
Misooma koriidaraa dabalatee hojiileen Misoomaa Magaalaa Finfinneetti raawwataman Ayyaana Irreechaaf Miidhagina addaa ta’aniiru-hirmaattota
Fulbaana 24/2018(TOI)-Misooma koriidaraa dabalatee hojiileen Misoomaa Magaalaa Finfinneetti raawwataman Ayyaana Irreechaaf Miidhagina addaa ta’uusaanii hirmaattonni ayyaana Irreechaa Hora Finfinneerratti hirmaatan dubbatan.
Irreechi Hora Finfinnee mata duree “Irreechi bayyanachuu biyyaaf ” jedhuun akkataa duudhaa aadaasaatiin ummanni hedduun bakka argametti miidhagee kabajamaa jira.
Hirmaattonni yaadasaanii TOI’f kennan akka jedhanitti, sirni kabaja Ayyaana Irreechaa bara kanaa Magaalli Finfinnee misooma koriidaraan miidhaguunshee adda ishii taassisa.
Irreechi Galata, Nagaa, Dhiifama, Waloomaa fi Obbolummaa akkasumas tokkummaa fi walitti hidhaminisa hawaasaa caalaatti kan jabeessudha jedhaniiru.
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Bishooftuutti Mataduree “Irreechi Bayyanachuu Biyyaaf ’’ jedhuun boru kabajama.
Hirmaattota ayyanichaaf rakkoon Geejibaa akka hin mudanneef Ejensiin Geejba Oromiyaa , Biiroo Geejibaa Magaalaa Finfinnee fi Paabilik sarviisii akkasumas Geejiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii waliin qindaa’uun qophiin taassifameera.
Kabaja ayyaana Irreecha Hora Harsadeef hirmaattonni Ayyaanichaa Finfinneetii gara Hora Harsadee deeman buufata Geejibaa jaha magaalichatti argamutti tajaajilli Geejibaa gahaan qophaa’eera.
Akkasumsa sarara Labuurraa hanga Bishooftuutti hirmaattota ayyaanichaa kan geessu baaburri kan qophaa’ee yoo ta’u, Geejibni Paabilk sarvisii gara baaburaatti geessuuf konkolaataan 50 ol ramasdamuun beekameera.