Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Somaaleetti Kaaluub waggaatti liitira miiliyoona 111 oomishuu kan danda’u pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaaden marsaa jalqabaa eebbifneerra-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahiad

Fulbaana 22/2018(TOI)- Naannoo Somaaleetti Kaaluub waggaatti liitira miiliyoona 111 oomishuu kan danda’u pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaaden marsaa jalqabaa eebbifneerra jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahiad.

Haala wal fakkaatuun waggaatti liitira biiliyoona 1 tuqaa 33 oomishuu danda’u marsaa lammaffaa jalqabsiifneerra jedhaniiru.

Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaniirratti dabarsaniin oomisha gaazii uumamaa dhangala’aan alatti damee madda anniisaa maddisiisuutiin meegaa waattii 1000 qabachuun gumaacha guddaa qaba jedhan.

Pirojektichi hunda caalaa gaazii qofa kan oomishu miti. Galtee Xaa’oo oomishuuf murteessaa ta’e dhuheessuun tattaaffii birmadummaa nyaataaf goonuuf murteessaa ta’uun nitajaajila.

Galteewwan hojii madda anniisaa fi Kiriiptoo-Maayiniingiifbarbaachisan nuuf dhiheessa jedhan ergaasaaniin.

Pirojektoonni har’a naannoo Somaaleetti eegalle ijaarsa bu’uraalee misoomaa waliin doolaara biiliyoona 10 baasan hordoffii barbaachisu gochuun nixumuramu jedhaniiru.

Kan jalqabne xumuruuf yeroo hunda cichinee akkuma hojjenne xumuramanii tajaajilaaf niqaqqabu jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaasaaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015