Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsa warshaalee xaa’oo Yuuriyaa fi calaltuu boba’aa Godeef dhagaa bu’uraa kaa’an

Fulbaana 22/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsa warshaalee xaa’oo Yuuriyaa fi calaltuu boba’aa Godeef har’a dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin har’a taateen Itiyoophiyaanota hunda boonsu raawwatameera, pirojektoota biyya ceesisan lamaaf dhagaa bu’uraa keenyeera jedhaniiru.

ItiyoophiyaanInvastimanti hooldiingi garee Daangootee waliin ta’uun warshaa Xaa’oo Yuuriyaa fi warshaa calaltuu boba’aa Godee  garee Goldan Konkordiin ijaaramuuf dhagaan bu’uraa kaa’amuu eeraniiru.

Calaltuun boba’aa Godee bakka boba’aa Hilaal irraa boba’aa difdifa baasuun, calaluu fi kuusuun waggaatti toonii miiliyoona 3 tuqaa 5 misoomsuu nidanda’a jedhaniiru.

Gama biraan warshaan Xaa’oo bakka Gaazii Kaaluub irraa baasuun fi ujummoo km.108 fayyadamuun waggaatti toonii miiliyoona 3 oomishuun gabaaf akka dhiheessu eeraniiru.

Pirojektoonni lamaan guddina industirii agarsiisuun olidha kan jedhan ministirri muummee, carraalee keenya fayyadamuu, tumsa cimsuu fi nagaa cimsuun ittigaafatama waloo keenya kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni hundi gamtaa fi tokkummaan guddinaaf walgahuu keenya akka ittifufnu waamicha dhuheessaniiru.

Kana yoo goonu eenyummaa Itiyoophiyaa karaa kabajuun waltajjii addunyaarratti bakka Itiyoophiyaa olkaafna jedhan ministirri muummee ergaasaaniin

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015