Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misoomaa Finfinnee magaalattiin jiddugaleessa dippilomaatikii ta’uushee mirkaneessu-Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chiilii

Fulbaana 22/2018(TOI)-Misooma kooriidarii dabalatee hojiileen misoomaa Finfinneetti  hojjetamaa jiran magaalattiin jiddugaleessa dippilomaatikii ta’uushee qabatamaan kan mirkaneessan ta’uu komishinii dinagdee Afriikaa, gaMTAA Afriikaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Chiilii Roodriigoo Guzmaan ibsan.

Komishinii dinagdee Afriikaa, gamtaa Afriikaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Chiilii Rodriigoo Guznaan TOI’f akka ibsanitti, Wantoonni hedduun Chiilii fi Itiyoophiyaa walfakkeessu.

Biyyoonni lamaan eegumsa naannoorratti ejjennoo cimaa qabaachuusaanii kaasanii, Chiiliin tumsa kibba kibbaatiin biyyoota Afriikaa waliin walitti hidhamiinsa akka qabdu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan qaroomina durii kan qabdu ta’uu ambaasaddarichi kaasanii, Afriikaan ardii qabeenya hedduu qabdu waan taateef tumsa keenya damee heddumminaa keenya  cimsuuf xiyyeeffannoon nihojjenna jedhaniiru.

Hojiilee aartii kanneen akka walaloo fi Muuziqaan biyyoota lamaan walitti dhufeenya aadaan cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Finfinneen muummee Afriikaa fi jiddugala dippilomaatikii waan taateef jijjiiramni magaalattiitti taasifame miidhaginaa fi ammayyummaa gonfachiisuu ibsaniiru.

Hojiin misoomaa magaalattiitti hojjetamaa jiru magaalattii mijattuu gochuun dandeettii dorgommiishee kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015