Faayidaa midhaan dibataa fi dheedhiirraa argamu guddisuuf xiyyeeffatameera-Ministeera qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Faayidaa midhaan dibataa fi dheedhiirraa argamu guddisuuf xiyyeeffatameera-Ministeera qonnaa

Fulbaana 21/2018(TOI)-Fedhii sharafa alaa kan deeggaru oomishtummaa midhaan dibataa fi dheediif xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ministeerri qonnaa ibse.
Ministeerichatti hoogganaan deeskii misooma midhaan dibataa fi oomishaan boodaa Fissahaa Tolasaa TOI’f akka ibsanitti, kanneen midhaan kana oomishan jajjabeessuu fi oomishtummaa barbaadamu milkeessuuf hojjetamaa jira.
Fakkeenyaaf midhaan gurguddoo qonnaan bulaan bal’inaan oomishu dandeettii oomishaa olaanaa kan qabanii fi lafa mijataa adda baasuun kilaastaraan gurmeeffameera jedhan.
Haala Kanaan qonni kilaastaraa midhaan dibataa bakka ture heektaara miiliyoona 0 tuqaa 93 fi kuma 930 irraa baraa oomishaa 2017/18 gara heektaara miiliyoona 1 tuqaa 76tti guddachuu ibsaniiru.
Dhiheesii sanyii ka’umsaa qorannoon deeggarame fooyyessuun dhiheessii sanyii filatamaa fi xaa’oo akkasumas ittifayyadamni akka guddatu taasifamuu eeraniiru.
Rakkoolee midhaan oomishuurratti mudatan adda baasuun, furmaatasaaniis barbaaduun, maanuwaalii fi paakeejii oomisha midhaanii fooyya’anii qopheessuun leenjiin amma qonnaan bulaatti akka kennamu taasifameera jedhaniiru.
Gama biraan qonni waliigaltee sadarkaa qajeelfamaatti bahuusaa eeranii, bara oomishaa 2017/18 qofa naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Beenii Shaangul Gumuzitti kanneen midhaan dibataa oomishanii fi bitan kuma 1 fi 264 jidduutti waliigalteen galamuu himaniiru.
Midhaan industirii fi alergii tarsiimawaa ta’an adda baasuun ulaagaa gabaan barbaaduun akka oomishaman deeggarsa gochuun qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.
Midhaan dibataa fi dheedhiin hanqinni dhiheessii sanyii filatamaa kan irratti mul’atu keessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Rakkoo kana furuun oomishaa fi oomishtummaa midhaanii guddisuuf gareewwan sanyii oomishan hawaasa hirmaachisuun gurmeessuun sanyii oomishuu eegaluusaanii ibsanii, qajeelfamni hawaasa hirmaachisuun sanyii oomishuu dandeessisu qophaa’aa jiraachuu beeksisaniiru.