Biyyoonni miseensaa yeroo kamiyyuu caalaa waloomasaanii cimsanii addunyaa fooyyofte uumuuf waliin hojjechuu qabu- Antooniyoo Gutereez - ENA Afaan Oromoo
Biyyoonni miseensaa yeroo kamiyyuu caalaa waloomasaanii cimsanii addunyaa fooyyofte uumuuf waliin hojjechuu qabu- Antooniyoo Gutereez

Fulbaana 13/2018 (TOI)- Biyyoonni miseensa mootummoota gamtoomanii yeroo kamiyyuu caalaa waloomasaanii cimsanii addunyaa fooyyofte uumuuf waliin hojjechuu akka qabanbarreessaan olaanaa Antooniyoo Gutereez ibsan.
Yaa’iin walii gala mootummoota gamtoomanii waggaa 80ffaan ifatti banameera.
Gareen jilaa Itiyoophiyaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen durfamu yaa’ii waliigalaa mootummoota gamtoomaniirratti hirmaachaa jira.
Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez sirna baniinsaarratti haasawa taasisaniiru.
Dubbii dubbataniin, biyyoonni miseensaa yoomiyyuu caalaa waloomasaanii cimsanii addunyaa fooyyofte uumuuf waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Sirnaa fi caasaa mootummoota gamtoomanii akkaataa jaarraa 21ffaa madaaluun jijjiiruun akka barbaachisu cimsanii ibsaniiru.
Hawaasni addunyaa filannoosaa nagaa, haqa, msooma fulla’aa fi kabaja namoomaa gochuu akka qabu hubachiisanii, hojiirra oolmaasaaf kutannoo akka agarsiisu waamicha dabarsaniiru.