Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii olaantummaa seera kabachiisuuf qophaa’ummaa fi qindoomina cimaan nihojjetu

Fulbaana 13/2018(TOI)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii nagaa fi tasgabbiin fulla’aan biyya keenyatti akka hinbuune kan hojjetan gareewwan finxaaleyyii to’achuun olaantummaa seera kabachiisuuf qophaa’ummaa fi qindoomina cimaan nihojjetama jedhan komishina jeneraaliin poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Poolisiin federaalaa Ituyoophiyaa dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii biroo waliin ta’uun karoora nageenyaa biyyaalessaarratti waajjira muummeetti mari’ateera.

Komishinarichi maricharratti akka ibsanitti, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii oppireeshinii qidaa’aa taasisaniin humnoonni farra nageenyaa hedduun to’annoo jala oolaniiru.

Shororkeessitootaa fi finxaaleyyii nageenyi waaraa fi tasgabbiin biyya keenyatti akka hin buune hojjetan to’achuun olantummaa seeraa kabachiisuuf dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii qophii fi qindoomina cimaan akka hojjetan ibsaniiru.

Fuulduras hojiin seera kabachiisuu cimee akka ittifufu kaasanii ayyaanonni amantaa fi ummataa rakkoo nageenyaa malee akka raawwatan qophiin ga’aan taasifamuu eeraniiru.

‌‎Dhaabbileen nagaa fi tasgabbii ayyaanonni ummataa, mootummaa fi amantaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajaman karoora qophaa’erratti orenteeshinii fi bobbin teeknooloojiin deeggarame, odeeffannoorratti hundaa’e, hirmaannaa hawaasaa mirkaneesse gochuuf dandeessisu fudhachuun biyyattii bakkeewwan hundatti fudhachuun qindoominaan akka hojjetan kallattiin kaa’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015