Manni Barumsaa Leenjiin kaadhimamtoota qondaaltotaa Huursoo qondaaltota eebbisiisa jira - ENA Afaan Oromoo
Manni Barumsaa Leenjiin kaadhimamtoota qondaaltotaa Huursoo qondaaltota eebbisiisa jira
Fulbaana 11/2018(TOI)-Raayyaa Ittisa Biyyaatti Qajeelchi Olaanaan Barnootaa fi leenjii kaadhimamtoota Qondaaltota Huursoo leenjifamtoota Kaadhimamtoota qondaaltota har’a eebbisiisaa jira.
Manni Barumsichaa marsaa 26ffaaf leenjifamtoota koorsii nisirii eebbisiisaa jira.
Mana Barumsichaati Itti Gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu fi sub-quunnamtii Leetenaal Koloneel Gammachuu Asaffaa TOI’f akka ibsanitti, eebbifamtoonni kaadhimamtoota qondaaltota koorsii nisirii marasa 26ffaa dirree waraanaa adda addaatti birmadummaa biyyaa fi nageenya uummataaf gootota gootummaa adda addaa raawwatanidha.
Turtii Leenjiisaaniin gahumsa saanii kana leenjii hoggansaa fi dandeettii sadarkaa olaanaatti guddisu fudhatanii xumuruusaanii ibsaniiru.
Ergama gara fuuladuraatti kennamuufii gahumsaa fi gootummaa olaanaan raawwachuuf kan isaan dandeessisu aragachuusaanii dubbataniiru.