Mootummaan Ida’amuu biyyoota guddachuu barbaadaniif guddaa barbaachisaadha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Ida’amuu biyyoota guddachuu barbaadaniif guddaa barbaachisaadha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Fulbaana 07/2018 (TOI)- Kitaabni Mootummaan Ida’amuu biyyoota kanneen akka Itiyoophiyaa guddachuu fi jijjiiramuu barbaadan hundaaf guddaa barbaachisaa akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Kitaabni “Mootummaa Ida’amuu” Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessan eebbifameer.
Miistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana dubbii dubbataniin, Kitaabni mootummaa Ida’amuu, sanada yeroon nuuf kennameera, Ilaalchaa fi yaadama ifaan biyya keenya yoo hojjenne kan seenaa hojjennu malee seenaa yaadannu hintaanu jedhuun kan qophaa’edha jedhaniiru.
Kunis biyyooya kanneen akka Itiyoophiyaa guddachuu fi jijjiiramuu barbaadan hundaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Guduunfaan kitaaba mootummaa Ida’amuu ka’umsa yoo ta’u ka’umsi kun gaabbii ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiiwwan gaabbii Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte? Itiyoophiyaan maaliif biyya gargaaramtu taate? Itiyoophiyaan eenyuu gadi taateetu kanneen biroo ishee gargaaru? Jedhanii fi sababasaa barbaaduufi ka’umsi jedhaniiru.
Sababni amansiisaan yoo hin argamne gaabbiin hamaadha, hirriba nama dhorka kan jedhan Ministirri Muummee, kunis kitaaba ida’amuuf ka’umsa ta’eera jedhaniiru.
Biyyoonni hiyyeeyyiin hedduun jiraatanis Itiyoophiyaaan hiyyeessa ta’uunshee kan gaabbisiisu, dachee durdurii ta’uushee, injifannoo bilisummaa kan qabdu, aadaa fi seenaan hojii boonsaa kan qabdu ta’uusheeti.
Akka dachee durduriitti hojii qonnaa dursinee jalqabnus, hojmaanni keenya amma barbaadamu teeknooloojiin guddachuu dhabuun nama gaabbisiisa.
Gaabbiin biyyi Wayyaa dhawuun akkasumas qoricha aadaatiin muuxannoo ture qabnu attamiin bal’inaan oomishuu fi ofdanda’uu dadhabnee? Jedhu ka’umsa ta’uusaas dubbataniiru.
Gaabbiin alattis hinaaffaan mootummaa ida’amuuf ka’umsa akka ta’es ibsaniiru.
Dhimmoota jajjaboo mootummaan Ida’amuu hubate keessaa, gaaffileen waldhahan jiraachuu fi kanaaf ammoo adeemsa jijjiiramaa diiggaa ta’e hordofuun kan jedhan keessatti argamu jedhaniiru.
Hidhi haaromsaa milkaa’ina mootummaa fi nama dhuunfaa osoo hintaane, injifannoo Itiyoophiyaanotaa fi michuuwwan Itiyoophiyaa ta’uu dubbataniiru.