Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha-Ministira  Muummee  Dr.Abiyyi Ahimad

Fulbaana 07/2018(TOI)-Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee egeree fooyya’aa kan arguu fi kan ijaarudha jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. 

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Yaadama Ida’amuun kitaaba 4ffaa mata duree “ Mootummaa Ida’amuu” jedhuun barreessan har’a eebbifameera.

Pirezidantiin Federala Dimokiraatawaa Rippaabiliikii Itiyoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Qondaaltonni Mootummaa Olaanoo, Qondaaltonni Waranaa Olaanoo fi kutaan Hawaasa adda addaa saganticharratti hirmaataniiru. 

Ministirri Muummee wayita kana akka jedhanitti, Kitaabichi yaadota “Ka’umsa,” “Gahumsa”,“Daandii” fi “Mootummaa” jedhan afur irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru.

Kitaaba kanarraa yaada gaabbii Itiyoophiyaan maaliif hiyyoomte jedhurraa akka ka’uu fi  furmaata ifaa akka argisiisu eeraniiru. 

Furmaanni isaaniimmoo bakka gahumsaa Itiyoophiyaa  ifatti kan kaa’an ta’uu kaasanii, mootumman Ida’amuu badhaadhina Itiyoophiyaa kan hawwu qofa osoo hin ta’iin akka milkaa’uuf kan hojjetudha jedhniiru.

Yaadamni waliigalaas kanneen biroo fakkaachuuf kan tattaafattu osoo hin taane biyya  fakkkeenya taatu  ijaaruuf hojjechuudha, kunis karaa milkaa’ina qabuun ni raawwatama jedhaniiru.

Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaa fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee milkaa’inonni kallattii adda addaan galmaa’an gama Kanaan fakkeenya ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, kunis Itiyoophiyaan akka dandeessu argisiiseera jedhaniiru.

Biyya fooyyoftee fi Badhaate dhugoomsuuf daandiinsaa maali kan jedhu yaada sadaffaa kitaabichi irratti xiyyeeffatu ta’uu Ministiri Muummee dubbataniiru.

Haala Kanaan mul’ata keenya dhugoomsuuf daandiin irra deemnu  hirmaachisaa fi keessaa gara alaatti kan ilaalu ta’uu  qaba jedhaniiru.

Itiyoophiyaati sirna hammataa hundaaf ga’u ijaaruun akka danda’amu ibsuun, kan ida’amnu sammuu tokkoon yaaduuf osoo hin ta’iin waa’ee biyya tokkoo waliin hojjechuufi jedhaniiru. 

Gama Kanaan Itiyoophiyaaf ida’amuun Cabinsa barootaatiif dawwaa furmaataa ta’uu  Ministirri Muummee dubbataniiru.   

Gama biraan mul’anni borurra dabarsinee qabanne kan dhugoomu mootummaan cimaan yoo jiraatedha, motummaan immoo bu’uura milkaa’ina hundaati jechuun ibsaniiru.

Gama Kanaan Mootummaan Ida’amuu har’arra ta’ee booru kan arguu fi kan hojjetu ta’uu   Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015