Tamsaasa Kallatti:

Imalli yaadama biyyaalessaa Ida’amuu jedhee jalqabame har’a mootummaa Ida’amuurra ga’eera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Fulbaana 06/2018(TOI)-Imalli yaadama biyyaalessaa Ida’amuu jedhee jalqabame har’a mootummaa Ida’amuurra ga’eera jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa


Kitaabni “mootummaa Ida’amuu” jedhuun ministir muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin barreeffame har’a eebbifameera.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa baga gammaddanii fuula marsariitiisaaniirratti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif dabarsaniin imalli yadamaa biyyaalessaa ida’amuu jedhuun eegalame har’a mootummaa ida’amuurra ga’eera jechuun ibsaniiru.

Gama tokkoon gaggeessaa, hojjechaa, gama biraan qayyabachaa, qorachaa kitaaba nuuf gumaachaniif nigalateeffanna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015