Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu

 Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi  Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu  Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa  Goshuu Indaalammaawu  Ibsan.

Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan  galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo  ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru.

Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa  fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru.

Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu  hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru.

Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru.

Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif  kan gaggeefamau ta’uun beekameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015