Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Qabeenyi Bishaanii lafa jalaa fi Lafarraa  akka  dabalu   taasiseera- Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Hagayya 29/2017(TOI)-Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qabeenyi Bishaanii lafa jalaa fi Lafaarraa guddisuuf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Ministirichi TOI’f  akka ibsanitti, waggoottan Darban Milkaa’inni guddaan kan itti galmaa’e hojin Ashaaraa Magaariisaa lolaa ittisuun  biyyee  bishaaniin  fudhatamu  hir’isuun  qooda guddaa bahaa jira.

Sagantichi qabeenya bishaanii irratti faayida argamsiisne ilaalchisuun qorannoon yeroo dhihootti gaggeeffame kuufama bishaan lafa jalaa  guddisuu qooda olaanaa  bahaa akka jiru  mirkana’uu ibsaniiru.

 Bishaan lageenii fi suluulawwan  gurguddoo dabaluus  dubbataniiru.

 Qorannichi  naannoo Hawaasaatti, Abbaayii fi  Sulula Awaash irratti  gaggeeffamuu ibsuun, naannawoota kanatti, biqiltuuwwan dhaabbachuun dura  fi erga dhaabbatee booda  jijjiirama qabatamaa argame  karaa Saayinsaawaa ta’een  mirkanaa’uu  kaasaniiru.

Kanaanis hojiin Ashaaraa Magariisaa Naannoo magariisa gochuurra darbee yeroo roobaa lolaan mudachuu danda’u  akka hir’atuu fi  bishaan roobaa lafatti gad-akka seenu gochuusaa  qabatamaan mirkaneessineerra jedhaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabbatan, naannoowwan Miidhaman akka dandamatanii fi lolaa hir’isuurra darbee bishaan lafa jalaa  akka dabalu qooda olaanaa baheera jedhaniiru.

Haroon Haromayyaa gogee ture  deebi’ee kan Bayyanate hojii misooma Magariisaa fi eegumsa naannoon ta’uusaa kaasuun, Ashaaraan Magariisaa  Burqaawwan akka gabbatan gochuun yaa’insa bishaanii sirreessuuf  danda’amuu beeksisaniiru.

 Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabbatan lolaa ittisuun biyyeen akka hin dhiqamne, hidhaawwanii fi lageen biyyoon akka hin guutamne  fi qabeenyi bishaanii qulqulluun akka jiraatu  gochuun  jijiirama guddaa fiduusaani ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015