Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii guddaa kutannoo Itiyoophiyaan humna haaromfamaa fi misooma magariisaaf qabdu kan agarsiisedha-Dr. Jemsi Muroombeezii - ENA Afaan Oromoo
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii guddaa kutannoo Itiyoophiyaan humna haaromfamaa fi misooma magariisaaf qabdu kan agarsiisedha-Dr. Jemsi Muroombeezii

Hagayya 29/2017 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi pirojektii guddaa kutannoo imaammataa fi gochaa Itiyoophiyaan humna haaromfamaa fi misooma magariisaaf qabdu kan agarsiise ta’uu Dh.M.Gtti hoogganaan jiddugala imaammata haala qilleensaa Dr. Jemsi Muroombeezii ibsan.
Giddugalli imaammata haala qilleensaa Afriikaa sirnoota haalli qilleensaa ilaalamurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyoonni Afriikaa odeeffannoo haala qilleensaa akka xiinxalanii fi bu’a qabeessummaa iaalchisuun imaammattoota, tooftaalee fi karoora akka qopheessan deeggarsa gochaa akka jiru dubbataniiru.
Mootummoonni Ardichaa dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa dinagdee Afriikaarratti qabu irratti qorannoo bal’aa gochuun jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf dandeettiisaanii akka cimsan gargaaraa akka jiru ibsaniiru.
Jijjiiramni haala qilleensaa Afriikaarratti dhiibbaa geessisaa jiraatus furmaata kaa’uuf carraaleen akka jiran dubbataniiru.
Sirni dacheen uumamaan qabdu, maddeen humna haaromfamaa fi inisheetiiviiwwan akka ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtuu misooma fulla’aa mirkaneessuu fi kaarboonii gadi lakkifamu hir’isuuf humnoota murteessoodha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannawaa fi uumamaa kunuunsuun gaazii gadi lakkifamu qolachaa akka jirtu kaasaniiru.
Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi sirna jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.
Anniisaa qulqulluu Itiyoophiyaaf maddisiisuun biyyittiin boba’aa fayyadamuu jalaa akka baatu gumaacha guddaa akka qabu eeranii, anniisaa hidha haaromsaarraa maddu misoomni magariisaa akka milkaa’u qooda bakka hinbu’amne qaba jedhaniiru.
Biyyattiin xiyyeeffannoo geejjiba magarsiisaaf kenniteen konkolaattota elektiriikii bal’inaan fayyadamuu eegaluushee dinqisiifataniiru.