Hojiin Ashaaraa Magariisaa calaqqisiiftuu Ikkooloojiiti

Hagayya 26/2017(TOI)- Hojiin Ashaaraa Magarsiisaa  Ikkooloojii Uumamaa kan nama hundaa ta’e  eeguu malee  dhimma  garee  tokkoo akka  hin taane  sirnaan hubachuun akka malu  Misoomni Bosona  Itiyoophiyaa hubachiise.

Misooma bosonaa eeguu fi fayyummaa lafaa fi jireenyaaf mijataa ta’uun kan irra jiraatuuf kennaa ta’uu misooma bosonaa Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan ashaaraa magariisaa fi bosona namtolchee Abaaruu Xannaa himaniiru.

kanaaf, garaagarummaa tokko malee Uumama hundaaf bu’aasaa kan kennu Ashaaraan  Magaariisaa Qabeenya Uumamaa, haala madaala Qilleensa Naannoo  eeguurratti  qoodnisaa  hedduu  ta’uu dubbataniiru.

Hir’achuun kaarboondaay oksaayidii bu’aawwansaa keessaa tokko ta’uu ibsuun, biqiltuuwwan karbondaayoksaayidii qilleensaa keeessaa xuxanii guddinasaaniif kan itti fayyadaman yoo ta’u, kunis  hamma kaarboon-dayoksaayidii  qilleensa keessa jiru  hir’isuun  daballii ho’insa Addunyaa hir’isuuf fayyada  jedhaniiru.

Faayidaan biroon Misooma Oksijiinii ta’uu ibsuun, mukeen yeroo kaarboondaay oksaayidii fudhatanitti, oksijiinii gara qilleensa naannootti lakkisu, kunis hargansuu lubbuu qabeeyyii hundaaf barbaachisaa waan ta’eef, Madala Qilleensa Naannoo  sirreessuun  itti fufinsa jireenyaa mirkaneessu  jedhaniiru.

Faayidaa biroon  Bosonni  haala  roobaa  sirreessuun  dhiqaba biyyee ittisuunii fi  haal bishaanii  sirreessuun  tas-gabbii Qilleensa Naannoof  gumaacha qaba jechuun Obbo Abbaruun TOI’f ibsaniiru.  

 Akkasumas Bosonni Bineensota adda addaa fi sanyii simbirroowwaniif bakka jireenyaa ta’uu  eeranii,  Bosona Misoomsuu fi eeguun, lubbuu qabeeyyii eeguun fayyummaan Ikkooloojii  akka mirkanaa’u ibsaniiru.

Agarsiistuuwwan armaan olitti ibsaman hojii ashaaraa magariisaa dammaqinsaa fi 

bal’inaan raawwachuun qabeenya Bosonaa guddisa, kunis yeroo ta’u faayidaansaa hedduuminaaf ta’uu hubachuun haala Kanaan hojjechuu akka qabnu hubachiisaniru.

 Qulqulina qilleensaa Fooyyessuun, dhiqama biyyee hir’isuun, eegumsa burqaa bishaanii  cimsuun, badhaadhina  lubbu qabeeyyii cimsuun Jijiirama haala Qilleensaa hir’isuun ,

Faayidaa hawaasaa babal’isuun, hanga ho’insaa  sirreessuun  qoondi  bosonaa guddaa  ta’uu ibsaniiru.

Ashaaraan Magariisaa  madaala Haala qilleensaa eeguuf  murteessaa ta’uu ibsuun, ashaaraa  magariisaa guddisuunii fi  bosona sirnaan misoomsuu fi eeguun  jireenya Itti Fufiinsa lafaa fi dhala namaaf  murteessaadha  jechuun  hubachiisaniiru.

Uwwisni Bosonaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa dhibbantaa 23 tuqaa 6   ta’uu beeksisaniiru.

Hojii Ashaaraa magariisaa raawwachaa jirtuun bu’aa qabatamaa galmeessisuun  biyyoota biroof hojii  fakkeenya  ta’u hojjechaa  kan jirtu Itiyoophiyaan  Qaammee  fuuldura keenyaa 3 fi 5 bara 2017  yaa’ii   haala qilleensaa 2ffaa ni keessumeessiti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015