Teekinooloojiin Faalama Qilleensaa hir’isu Naannoo mijataa fi nagaa qabeessa uumuuf dandeessisa - ENA Afaan Oromoo
Teekinooloojiin Faalama Qilleensaa hir’isu Naannoo mijataa fi nagaa qabeessa uumuuf dandeessisa

Hagayya 24/2017(TOI)Teekinooloojiin faalama Qilleensaa hir’isu Konkolaattotarratti maxxansuun naannoo mijataa fi nagaa qabeessa uumuuf akka dandeessisu Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii ibse.
Qajeelfamni to’annoo faalama qilleensaa konkolaataa keessaa bahu Fulbaana bara 2018 irraa eegalee hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira.
Qajelfamni Faalama Qileensaa Lakk.1051/2017 hojiirra yeroo oolu, faalama Qilleensaa hir’isuu fi itti fayyadama boba’aa fooyyessuurra darbee rakkooTeeknikaa balaa tiraafikaa Konkolaachistootaan mudatu hir’isuu nidandeessisa.
Qajeelfamichi konkolaattonni teekinooloojii faalama gaazii hir’isu maxxansuun faalamni qilleensaa akka hir’isuuf kan akeekedha.
De’eetaan Miniatira Geejibaa fi Loojistiksii Bari’oo Hasan TOI waliin turtii taassisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaan faalama Kaarboonii Konkolaataa keessaa bahan hir’isuuf hojii bu’aa qabeessa raawwachaa jirti.
Kanneen Keessaa konkolaattonni boba’aa akka alaa hin galle dhorkuun faallaasaan faalama qilleensaa kan hin hordofsiisne konkolaattonni Eleektiriikaa hojiirra akka oolaniif hojii hojjetame akka fakkeenyaatti kasaniiru.
Qajeelfamichi Konkolaatoota sadarkaa gad-lakkifama hin guunne irratti dirqama teekinooloojiiwwan gad-lakkifamuu hir’san akka fayyadaman ta’uu dubbataniiru.
Qajeelfamni Jijiirama Qilleensaa Ittisuuf qophaa’e kun Fulbaana bara 2018 eegalee konkolaattota guutuu biyyaatti irratti hojiirra oolchuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Konkolaattonni sadarkaa ka’ame hin guunne Teekinoooojii faalama qilleensaa maxxansuun akka eegamu beeksisuun, teekinooloojiiwwan gad- lakkifama aaraa fi itti fayyadama boba’aa sirreessan haala ga’aa ta’een qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
Qajeelfamichi faalamni qilleensa konkolaataa keessaa bahu dhiibbaa hamaa fayyaarratti geessisu, akkasums dhiibbaa qilleensarratti fidu hir’isuuf kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.