Yaa’ichi hojiiwwan jijiirama haala Qilleensaa Ittisuuf hojjetamaniif deeggarsa ni taassisa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ichi hojiiwwan jijiirama haala Qilleensaa Ittisuuf hojjetamaniif deeggarsa ni taassisa

Hagayya15/2017(TOI)-Keessummoota yaa’ii jijiirama Qilleensaa 2ffaa Itiyoophiyaan qopheessitu irratti hirmaatan simachuuf qophiin xumuramuun ibsame.
Odeeffannoon Marsariitii Waajjira Ministira Muumeerraa argame akka mul’isutti, Qaammee 3 hanga 5 bara 2017 yaa’iin Jijiirama Qilleensaa Afriikaa gaggeeffamu galmoota adda addaa akka qabu eeraniiru.
Bu’uuruma Kanaan galmoota keessaa tokko tumsa ijoo hojii Misooma Magariisaa Afriikaa deeggaruuf dandeessisan uumuun isa tokko ta’uu odeeffannichi nimul’isa.
Dabalataan humna Afriika sadarkaa waltajjiiwwan Idil-Addunyaatti dhageettii argamsiisaniif guddisuuf akka gargaaru eerameera.
Yaa’ichi qopheessummaa finfinneen gaggeeffamuunsaa Itiyoophiyaan tarkanfiiwwan furmaataa Afriikaan durfamuuf tattaaffii ittijirtu kan argisiisudha jedhameera.
Bakka bu’oota dhaabbilee Idila Addunyaa fi gaggeessitoota biyyootaa dabalatee qooda fudhattoonni yaa’icha irratti akka hirmaatan waajjirichi beeksiseera.