Magaalaa Ambootti daandiin keessoo kiiloo meetira 9 mootummaa fi hirmaannaa ummataa hojjetamaa jira

Caamsaa 11/2017(TOI)- Magaalaa Ambootti daandiin keessoo kiiloo meetira 9 mootummaa fi hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 5 tuqaa 2n  hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Kantiibaan magaalichaa obbo Haacaaluu Gammachuu akka ibsanitti, bara bajatichaa ummata mariisisuun osoo ganni hinseeniin hojii fi suphaan daandii keessoo hojjetamaa jira.

Ijaarsi daandii keessoo harka 40 bajata mootummaa, fi harki 60 hirmaannaa ummataan akka hojjetamu ibsaniiru.

Dureeyyiin maashinarii hojiitti galchuun gargaaraa akka jiranis ibsaniiru.

Jiraattota keessaa obbo Tashaalaa Gonfaa, daandiin keessoo akka nuuf hojjetamu yeroo dheeraaf turree gaaffiin keenya deebii argatee hojjetamaa jiraachuusaatti gammanneerra jedhaniiru.

Ijaarsa kanaafis deeggarsa walirraa hincinne akka taasisan dubbataniiru.

Jiraataan magaalichaa kan biraan obbo Shallamaa Qalbeessaa, gaaffiin daandii deebii argatu hawaasa naannawaa waliin hojjechaa turuusaanii dubbataniiru.

Deeggarsa ijaarsa daandii kanaaf taasisan cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015