Hoggantoota imaala guddina Itoophiyaa gara fuula duratti itti fufsiisan uumuun barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Hoggantoota imaala guddina Itoophiyaa gara fuula duratti itti fufsiisan uumuun barbaachisaadha
Sadaasa 26/2017 (TOI) -Hoggantoota imaala guddina Itoophiyaa gara fuula duratti itti fufsiisan uumuun barbaachisaadha jedhan Itti aanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamasgeen Xurunee.
Obbo Tamasgeen Xurunee '' konfireensii Hoggansa Calaqqee'' Akkaadaamii Hooggansa Afrikaatti jalqabsiisaniiru.
Haasaa baniinsaa taasisaniin; Itoophiyaan biyya hoggantoota injifannoo gurguddaa galmeessisuun, qaroomina olaanaa qaban taatus kana itti fufuu dadhabuu isheetiin duubatti haftee jirti jedhaniiru.
Seenaa dheeraa biyya keenyaa keessatti hoggantoonni gurguddaan akka turan eeranii, hoggantoonni kun yeroo tokko ifanii mul'achuun achumaan badaniiru jedhaniiru.
Milkaa'innonii Itoophiyaan ittiin beekamtu bara gara baraatti ce'uu kan dadhabaniif akka biyyaatti ijaarsa hoggansaa itti fufsiisuu dadhabuudha jedhaniiru.
Hanqinoota yeroo ammaa Itoophiyaan qabdu furuudhaan sadarkaa olaanutti ishee guddisuuf imala kan eegalame ta’uu ibsanii; misoomni hoggansa itti finsaan hojjetama jiruus qaama kanaa ta’uu eeraniiru.
Waltajjiiwwan dargaggoonni hoggantoonni itti aanan fi hoggansi amma jiru muuxannoo itti wal jijjiiruu danda’an yommuu uumaman dhalootaa fi hoggantootaa gidduutti walhubannoo uumuun kaayyoo biyyaalessaa galmaan ga’uuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf Itoophiyaan dhaabbilee hoggansii itti uumamuu fi hoggansi dhaloota dhaloota akka darbu taasisaan qabaachuu qabdi jedhaniiru.
Kunis ergama ijoo hoggansa dhaloota dhufuu fi hoggansa jiruu ta'uu ibsaniiru.
Guddinni yookaan kufaatiin biyya tokkoo qulqullina yaada, dandeettii hooggansaa fi kutannoo irratti kan hundaa’e ta’uu eeruun, rakkoo gara carraatti jijjiiruun gaggeessaa guddina biyyaa galmaan ga’u ta’uu akka qabu himaniiru.
''Konfireensiin Hoggansa Calaqqee'' Akkaadaamii Hooggansa Afrikaatti kennamaa jiru kun Itoophiyaa fi Afrikaatti hoggansa dhaloota haaraa cimaa hoggansa wal harkaa fuudhuuf daandii ta'uu qaba jedhaniiru.
Hoggantoota imaala guddina Itoophiyaa gara fuula duratti itti fufsiisan uumuun barbaachisaadhas jedhaniiru.