Kolombiyaan Itoophiyaatti imbaasii ishee banachuuf

Sadaasa 26/2017(TOI) - Kolombiyaan Itoophiyaatti imbaasii ishee banachuuf qophaa'u ishee Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi himaan ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Nabiyyuu Geetachoo dhimmoota waqtaawwa fi idil addunyaa irratti miidiyaaleef ibsa kennaniiruy.

Ibsa isaaniin Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqesillaasee guyyoota lamaan darban xalayaa muudama ambaasaaddaroota 24 fudhachuu beekisisaniiru.

Sirna walirraa fiidhisaa kanarrattis ambaasaddaroonni kunneen biyyoonni isaanii walitti dhufeenya qaban caalaatti cimsuuf yeroo turtii isaanii keessatti kan hojjetan ta'uu beeksisaniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota imbaasii isaanii haaraa Itoophiyatti banataniis xalayaa muudama isaanii pirezidaanitichaaf dhihesuu fi kanneen keessas ambaasaaddara Silooveniyaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti imbaasii ishee banachuuf qophiirra kan jirtu ambaadarri Kolombiyaas xalayaa muudama isaanii pirezidaanti Taayyeetti kennaniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsa isaaniin yeroo ammaa biyyoonni imbaasiiwwan isaanii Itoophiyaatti banatan lakkoofsaan 137 gahuu fi Finfinneenis jiddugala dippilomaasii ta'uu fi barbaadamummaa ishee dabalaa dhufuu kan mul'isu ta'uu ibsuu isaanii Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015