Kantiibaa Adaanech Abeebeen qondaala WBO Sanyii Nagaasaa simatan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebeen qondaala WBO Sanyii Nagaasaa simatan
Sadaasa 25/ 2017(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jila Qondaala WBO mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessan Jaal Sanyii Nagaasaan durfamu simatan.
Jilichi hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee erga daawwatee booda Yaadannoo Injifannoo Adwaatti Kantibamaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin mari’ateera.
Aadde Adaanech hoggantoota kanneen simachuun baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Waamicha mootummaa fi ummataaf deebii hoggantoonni kunneen kennan galateeffataniiru.
Jaal Sanyii Nagaasaan gama isaaniin, simannaa taasiifameef galateeffachuun miidhaa fi gadadoo ummatarra gahaa jiru hambisuuf daandii nageenyaa filachuu isaanii himuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.