Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa Komishiini Marii Biyyaalessaatti ajandaa isaanii dhiheessan. - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa Komishiini Marii Biyyaalessaatti ajandaa isaanii dhiheessan.
Sadaasa 25/2017 (TOI) - Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa Komishiini Marii Biyyaalessaa Itoophiyaatti ajandaa isaanii dhiheeffatan.
Ajandaa isaanis hoggantoota Komishinichaaf kan dhiheessan walitti qabaa mana maree waloo paartilee siyaasaa Itoophiyaa obbo Salamoon Ayyalee fi miseensoota hoji raawwachiiftuudha.
Ajandaawan paartileen siyaasaa dhiheessan kun paartilee siyaasaa hundaarra kan walitti qabamee fi dhimmoota ijoo dhimma biyyaalessaa irratti xiyyeeffate ta'uun himameera.
Paartileen siyaasaa Itoophiyaatti argaman milkaa'ina marii biyyaalessaaf gahee isaanii bahachaa turuu wayita kana ibsameera.