Foramiin lammiilee Paarlaamaa dhimmoota biyyaalessaa fi naannoo adda addaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Foramiin lammiilee Paarlaamaa dhimmoota biyyaalessaa fi naannoo adda addaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegale
Sadaasa 25/2017 (TOI) - foramiin lammiilee paarlaamaa dhimmoota biyyaalessaa fi ardiilee adda addaa irratti xiyyeeffate eegalameera.
Foramiin kun yeroo jalqabaaf kan geggeeffame yoo ta'u kanaan booda ji'a ji'aan ajandaawwan ijoo biyyaa fi ardii irratti itti fufinsaan ni geggeeffama jedhameera.
Waltajjii har'aa irratti Af -yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo, Miseensonni mana maree, ministeeronni, hayyoonni, hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa uummataatti gargaraan ministira itti waamamaa mootummaa doktar Miratuu Shaanqoo gosa isaan isa jalqabaa kan ta’e foramiin lammiilee paarlamaa dhimmoota biyyaalessaa, naannoo fi ardiilee kan ilaallatu ta’uu ibsaniiru.