Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa hambaa waloo Afrikaa fi fakkeenya badhaadhinaati.

Sadaasa 25/2017 (TOI) - Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa hambaa waloo Afrikaa fi fakkeenya badhaadhinaa ta'uu Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo beeksisan.

Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo gosa isaan adda kan ta'e  fooramii lammilee paarlaamaa isa jalqabaa eegalchiisaniiru.

Sirna banisa foramiicharratti haasaa taasisaniin; paarlaamatti foramiin lammilee waltajjii yaanni itti dhihaatudha jedhaniiru.

Foramiin kun haala siyaasaa fi dippilomaasii idil addunyaa kan waqtaawwaa, gahee hoggansaa fi hirmaannaa uummataa akkasuma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa yaadama Paan Afrikaan kan ilaaludha jedhaniiru.

Foramii kanarratti galteewwan imaammataa fayidaa biyyaa fi uummataaf gahee olaanaa qaban kan itti walitti qabaman, hubannoo waloo uumuu fi hojiirra oolmaa isaafis tumsaan dhaabbachuuf kan tattafatamudha jedhaniiru.

Hidhi Haaromsaa guddichi Itoophiyaa pirojeektii madda annisaa guddaa maddisuusu qofaa osoo hin taane tumsaa fi guddina waloof bu'uura kan ta'e ta'uu himaniiru.

Hidhichi hambaa waloo fi fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta'uus eeraniiru.

Afrikaanoonni qabeenya umamaa isaanii misooma waaraaf oolchuu fi bu'aa isaarras fayyadamuu akka danda'an kan mul'ise ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015